Baatiiwwan 11 darbanitti oomisha warqeerraa sharafnnii alaa doolaarri miiliyoona 513.9 argamuu Ministeerri Albuudaa beeksise

77

Waxabajjii, 15/2014(TOI) - Baatiiwwan 11 darbanitti oomisha warqeerraa sharafnnii alaa doolaarri miiliyoona 513.9 argamuu Ministeerri Albuudaa beeksise.

Ministirri Albuudaa Injinaar Taakkalaa Uumaa raawwii hojii ministeerichaa kan baatii 11 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef laataniin, yeroo kana keessaatti Bunaatti aanee sharafa biyya alaa olaanaa biyyaaf kan galchee oomisha Warqeeti jedhaniiru.

Albuudaawwan alaatti ergaman baay'inaan, qulqullinaafi gosa adda addaattiin akka oomishaman gochuun damichaa sharafnii alaa irraa argamuu akka guddatu taasifamuu himaniiru.

Ministeerichii dhaabbilee adda addaa heeyyama investimantii albuudaa fudhatanii haalaa walii galteen hin hojjenne tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa irratti fudhatama jirachuus himaniiru.

Haga ammaatti kanneen heeyyama barbaacha albuudaa fudhatanii hojiitti hin galiin 116 irraa heeyyamni isaanii fudhamuu eeraniiru.

Akkasumas kanneen albuuda adda addaa oomishuuf heeyyama fudhatanii hojii isaanii akkaata waliingateen hin hojjenneerraa heyyamni isaanii fudhatamuu himaniiru.

Akka injinera Takkaalaa Uumaa himanitti kanneen oomisha Albuudaa gara alaatti ergan keessaa 850 heeyyama isaanii dahoo godhachuun hojii seeraan alaa hojjechaa jiraachuun isaanii waan irraatti mirkanaa'eef heyyaamni kennameefii ture irraa fuudhameera.

Akka kanneen akka waliigaltee isaanitti hin hojjetiin walii galaatti 972 irraa heeyyamni kennameef fudhatamuu himaniiru.

Damee kanarratti kanneen hojii seeraan alaa hojjetan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015