Oomishitoota gabaa warqee jajjabeessuuf jecha gabaa Warqee idil addunyaarratti harka 35 daballii taasisuun bittaan ni raawwatama - Baankii Biyyaaleessa.

98

Waxabajjii 25/2014(TOI) - Baankiin biyyaaleessaa Itoophiyaa oomishitoota gabaa warqee jajjabeessuuf jecha gabaa Warqee idil addunyaarratti harka 35 daballii taasisuun bittaa raawwachuuf murteessuu beeksise.

Daarekattarri hoggansa Kaareensi baankichaa obbo Ababaa Sanbatee dhimma kana ilaalchisuun ibsa laataaniiru.

Ibsa isaaniin Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa oomishitoota Warqee jajjaabeesuuf jechaa akkasuma daldala kontirobaandii to'achuuf Caamsaa 2012 irraa jalqabee gabaa Warqee idil addunyaarraa akka baay'iina Warqee dhihaateetti harka 10 hanga 29 dabalee bitaa akka ture yaadachiisaniiru.

Waggaa lamaan jedhame kana keessaatti dhiheesii Warqee guddaan argamuus himaniiru.

Waggootaa lamaan kana keessaatti Baankichi warqee gabaaf dhiheesserraa doolaaraa Ameerikaa biliyoona 1.2 argateeras jedhaniiru.

Ta'uus garuu yeroo dhihoo asitti dhiheessiin Warqee gara Baankii biyyaaleessaa dhufu xiqqaachaa waan dhufeef oomishitoota jajjabeessuuf jecha dhiheesitoota warqee hundaaf walqixa gatii harka 35 dabaluu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015