Itoophiyaatti weerarri maariyyee Jaldeessaa akka hin mudannee hojiin to'annoo cimee itti fufuu qaba jedhame.

74

Waxabajjii 15/2014(TOI) - Yaaddoo biyyoota addnyaa hedduu ta'aa kan dhufe weerarri dhukku maariyyee Jaldeessaa Itoophiyaatti akka hin mudanneef hojiin to'annoo kan kanaan duraa caalaa cimee itti fufuu akka qabu Instiituyitii fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa hubachiise.

Maariyyeen jaldeessaa haga ammaatti biyyoota Afrikaa saddetitti argamuu Instiituyitichi beeksiseera.

Instiituyitiin fayyaa hawaasaa Itoophiyaa weerara kana ilaalchisuun ibsa ofeeggannoo of keessaatti hammate TOI ergeera.Ibsa kanaan yaaddoo biyyoota addunyaa ta'ee kan itti fufe COVID-19tti dabalataan dhukkubni maariyyee Jaldeessaa biyyoota kanaan dura itti muli'atee hin beeknee 30tti mul'achuufi biyyoota kanattis dhukkuba kanaan namoonni kuma 1 fi 217 qabamuu gabaafamuu beeksiseera.

Biyyoota Afrikaa 8ttis kan muli'ate yoo ta'uu namoonni kuma 1 fi 536 mallaattoon dhukkubichaa irratti argamuu ibseera.

Itoophiyaatti weeraarri dhukkuba busaa,Gifirafi Covid- 19 cimaa jira waan ta'eef hojiin to'annoo cimuu akka qabu Instiituyitichii hubachiiseera.

Dabalataan weerarri maariyyee jaldeessaas akka hin mudanneef hojiin to'annoo kan kanaan duraa caalaa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisera.

Hojiin to'annoo akka jirutti ta'ee dhukkuba kanaan kanneen shakkamaan yoo argamaan hawaasnis dhaabbilee fayyaatti akka gabaasu gaafateera.

Insitiituyitichii gannaa waliin wal qabatee dhukkubnii Koleeraafi kanneen biroonis mudachuu waan danda'uuf hawaasni ofeeggannoo cimaa akka taasisu ibsa isaa kanaan eerera.

Bakkeewwan adda addaatti boollawwaan bishaan keessatti kuufaman cufuun akka bookeen busaa wal hin horree ittisuu akkasuma agoobaara keemikalaan cuubamee rabsuun cimee hojjetamuu akka qabus ereerra.

Weerara dhukkuboota yaaddoo fayyaa hawaasaa ta'aan kanneen ittisuuf kanneen dhimmi ilaallatu hunduu qindaa'uun hojii barbaachisa ta'ee hundaa hojjechuufi qophii barbaachisu taasuu akka qaban Insitiituyitiin fayyaa hawaasaa Itoophiyaa waamicha dhiheessera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015