Baajata isaaniif eeyyameen ol kanneen fayyadaman dhaabbileen 24 argamuu Oodiitarri Olaanaa Federaalaa beeksise.

60

Waxabajjii 14/2014 (TOI) – Baajata isaaniif eeyyameen ol kanneen fayyadaman dhaabbileen 24 argamuu Oodiitarri Olaanaa Federaalaa beeksise.

Waajjirrii Oodiitara Olaanaa Federaalaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gabaasaa dhiyeesseen waajjiraaleen 24 ramaddii herregaa addaa addaatiin utuu hineeyyamsiisiin fi baajata utuu hinnaannessin baajata eeyyamaameefiin olitti herregni baasii ta’e argamuu mirkanaa’uu eereera.

Baajata idilee Birrii miiliyoona 645 fi kuma 198 ol ta’uun ibsameera. Ramaddii heerrega adda addaatiin, dhaabbilee baajata eeyyamameefiin ol fayyadaman keessaa Yuunivarsiitiin Teekinikaa Itoophiyaa, Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo, Yuunivarsiitii Wallaggaa, Yuunivarsiitii Gaambeelaa, Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Yuunivarsiitii Walqixxee fi Yuunivarsiitiin Miizaan Teeppii kanneen eeramaniidha.

Dhaabbileen kunneen koodiiwwan heerregaan, baajata eeyyameef %10 ol kan hinfayyadamne fudhachuun, waliigalaan Birrii miiliyoona 12 fi kuma 12 baajataa ittiin hin hojjetamne argamuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015