Naannoo Afaaritti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jira

75

Finfinnee, Waxabajjii 14/2014 (TOI) – Naannoo Afaaritti sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni olaanoo naannichaa fi kutaaleen hawaasaa hirmaachaa jiru.

Sadarkaa naannichatti biqiltuuwwan miliyoona 14 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, Ganna baranaa qofa biqiltuuwwan miiliyoonni afur akka dhaabaman eerameera.

Biqiltuuwwan miiliyoona 10 ammoo baatii Fulbaanaa booda haalli qilleensaa naannichaa biqiltuu dhabuuf mijataa waan ta’uuf, yeroositti kan dhaabamu ta’uun himameera.

Dhaabbiin biqiltuu kun naannichaa sadarkaa hundatti gaggeeffamaa jiraachuun eerameera. Guyyaa har’aa biqiltuuwwan miiliyoonni tokko akka dhaabamu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015