Hojiileen misooma qonnaa boroo wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessoodha

139

Waxabajjii 12/2014 (TOI) – Hojiileen misooma qonnaa boroo wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessoo ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Doktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti hojiilee qonnaa mana boroo fi giddugaloota soorataa hawaasa galii gadi aanaa qaban soruu danda’an daawwachuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Hojiileen misooma qonnaa boroo wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessoo ta’uu kaasuun, bakkeewwan hundatti bal’inaan hojjetamuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015