Aanaa Kambaatti abbootii warraa 600 fayyadamoo kan taasisu hidhi humna ibsaa maddisisu ijaaramuuf jedhame.

81

Waxabajjii 12/2014(TOI) - Naannoo saboota, Sablamootaafi uummatoota Kibbaa godina Gaamoo aanaa Kambaatti abbootii warraa 600 fayyadamoo kan taasisu hidhi humna ibsaa maddisisu ijaaramuuf jedhame.

Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa obbo Taaggasee Caafoo fi Ministirri Bishaaniifi inarjii doktar injinar Habtaamuu Ittafaa ijaarsa hidha kanaaf dhagaa bu'uura kaa'aniiru.

Ijaarsi hidha kanaas aanaa Kambaa ganda Dingamootti kan argamu laga Mayitsilee ijaarama jedhameera.

Hidhi kunis deeggarsa dhaabbata gargaarsaa "Kirsitaan Edi" jedhamurraa kan argame yoo ta'u ijaarsi isaas waggaa tokko keessatti ni xumurama jedhameera.

Ijaarsa isaas Yuunivarsiitiin Arbaamiinci dhaabbata deeggarsa Kirsitaan edi jedhamu waliin akka hojjetu himameera.

Hidhi kun ijaarsi isaa yeroo xumuramu humna ibsa meegga waatii 5 hanga 10 maddisiisuu danda'as jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015