Waajjirri Giifti Duree Naannoo Sidaamaatti manni barnootaa ijaarsise eebbifame

55

Waxabajjii 11/2014 (TOI) – Waajjirri Giifti Duree Naannoo Sidaamaa Aanaa Hakkootti mana barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaarsise xumuramuun eebbifameera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Naannoo Kibbaa fi Sidaamaatti hojiilee misoomaa hojjetaman daawwachaa kan jiran yoo ta’u, Naannoo Sidaamaatti ijaaramee kan xumurame mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Odii Bokkuu eebbisaniiru.

Manni barnootichaa galii gurgurtaa kitaabaa Muummee Ministiraarraa argameen Waajjira Giifti Dureen kan ijaarameedha.

Manni barnootichaa bakka Muummeen Minisitiraa Abiy Ahimadii fi Gifti Duree Zinnaash Taayyaachoo argamanitti eebbifameera.

Manni barnootichaa dareewwan 12, mana yaalii lamaa fi mana kitaabaa kan qabuudha.

Waajjirri Giifti Duree manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa marsaa lamaan ijaarsisee keessaa kun 3ffaa yoo ta’u, waliigalaan manneen barnootaa 23 eebbisiiseera.

Muummen Ministiraa Abiy Ahimad Sirna eebba mana barnootaa Waajjiraa Gifti Dureen ijaarameerratti argamuutti gammaduu isaanii karaa toora feesbuukii isaaniin ibsaniiru. Akkasumaas simannaa taasifameef galateeffatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015