Birrii miiliyoonaa 21 badiirraa baraaruun danda'ameera jedhame.

68

Waxabajjii 11/2014(TOI) - Abbaa gaariifi Komishiiniin farra malaan maltummaa naannoo Beenishaangul Gumuuz birrii miliyoonaa 21 badiirra baraaruu danda'uu beeksise.

Komishineer Mangistuu Laaloo TOItti akka himanitti bara bajataa 2014 keessa eeruun yakka malaan maltummaa 339 kamishiinicha gaheera.

Eeruu kana bu'uura godhachuun dhaabbilee mootummaa naannichaarratti hordoffiifi hojii adda baasuu hojjetameen qajeelfamafi danbii maallaqaafi dinagdeen ala birrii miliyoona 17.7 burjaajesuun badiif saaxilamuuf ture hambisuun akka danda'ame himaniiru.

Dhaabbilee kannee keessatti danbii fi qajeelfama mallaaqaa osoo hin eegiin adeemsa bittaa qabeenyaan caarraa mo'atanii akkaataa waliigalteen meeshaalee sadarkaa isaanii eeggatan kanneen hin dhiheessiin waliigalteen isaanii akka haqamu taasisuun maallaqa badiirraa hambisuun akka danda'ame himaniiru.

Birrii miliyoona 3 oli immoo argannoo Odiitiin gara kaazenaa mootummaatti akka deebi'u taasifamuus hiamniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015