Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wal ga’iisaa Idilee Adeemsiseen Muudama Ministirootaa Raggaase

45

Finfinnee Bitootessa 10/2011 Manni mare bakka bu’oota ummataa wal ga’iisaa idilee har’a adeemsiseen muudama ministiroota sadii dhihaatan irratti mari’achuudhaan raggaaseera.

Haaluma kanaan obbo Lammaa Magarsaa ministira ittisa biyyaa, Obbo Gadduu Andaargaachoo ministira dhimma biyya alaa, Injiinar Ayishaa Mahaammd ministira misooma manneenii fi konistiraakshinii ta’uun muudamaniiru.

Muudamni kunis mormii  1 kanneen sagalee hin kennjine   5 walumaa gala  sagalee guutuudhaan ragga’eera. Muudamtoonnis imaanaa itti kenname ba’uudhaaf waadaa galaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015