Insitiituyitichii naannoo Affaaritti dhaabbilee sababa waraanaan miidhaan irra gahe deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa birrii miiliyoona 3 taasise.

141

Waxabajjii 10/2014(TOI) - Insitiituyitiin fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa naannoo Affaaritti dhaabbilee sababa waraanaan miidhaan irra gahee deebisanii dhaabuuf kan oolu meeshaalee yaala fayyaa adda addaa gatiin isaa birrii miiliyoona 3 caaluu deeggarsa taasise.

Deeggrsa kana qaama dhimmi ilaallatutti dabarsanii kan kennaan daarektarri Insitiituyitichaa doktar Masaay Hayiluu akka himanitti, dhaabbilee fayyaafi meeshaalee yaala fayyaa mancaasuun xiyyeeffannoo garee shororkeessichaa waan tureef dhaabbileen kunneen miidhamuun hawaasni tajaajila yaala fayyaa barbaadu gahaa argachuu hin dandeenye jedhaniiru.

Dhaabbilee fayyaa kana deebisee dhaabuuf yaalii mootummaan naannichaa taasisaa jiruuf Istiituyitiin fayyaa hawaasa Itoophiyaa deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uus himaniiru.

Guyyaa har'aas meeshalee yaala fayyaa laabiratoorii fi kanneen biroo gatiin isaanii birrii miiliyoona 3 caalu deeggarsa taasisuu himaniiru.

Deeggarsa kana kan Instiituyiticharra fuudhaan hogganaan biiroo fayyaa naannichaa obbo Yaasin Habiibuu gama isaaniin dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan miidhaan irra gahee keessaa Hospitaala tokkoofi buufata fayyaa 21 deebi'anii tajaajila akka laataan taasifamuu himaniiru.

Dhaabbileen kun deebi'anii gara hojiitti akka galaniif deeggarsi dhaabbileen misoomaa taasisan olaanaa ta'uus himaniiru.Deeggarsa Insitiituyitichi taasiseefis galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015