Ministeerichi lammilee sababa waraanaan miidhaan qaamaa irra gaheef Wilichariifi Kiraanchii deeggarsaan kenneef.

64

Waxabajjii 8/2014(TOI) - Ministeerri dhimma dubartootaafi Hawaasummaa Naannoo Affaariifi Amahaaraatti lammilee sababa waraanaan miidhaan qaamaa irra gaheef deeggarsa Wiilcheriifi Kiraanchii taasise.

Ministirri dhimma dubartootaafi hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee kanaan dura lammilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa adda addaa taasisaa turu himanii, har'as Wiilichariifi Kiraanchii gatiin isaanii birrii miiliyoona 1.5 baasu deeggarsa taasisuu himaniiru.

Kanaanis naannolee hundattuu Kiraanchii 430 fi Wiilicharii 25 kennuu himaniiru.

Doktar Ergoogeen sosochiin deeggarsa walitti qabuu geggeeffamaa kan jiru ta'uu himuun, lammilee biyya keessaafi alaa kanneen sababa waraanaan qe'ee isaanirraa buqqa'aniifi miidhaan qaamarra gaheef deeggarsa taasisuu cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015