Bala ibiddaa bosona Raas Xaqoroo mudate to'achuuf carraaqqiin taasifama jira.

96

Waxabajjii 8/2014 (TOI) – Godina Walloo Kibbaa Aanaa Ambaassel bala ibiddaa bosona Raas Xaqoroo mudate to'achuu tattaaffiin taasifamaa jiraachuun wajjirri Qonnaafi kununsa qabeenya umamaa aanichaa beeksiseera.

Bakka buutuun itti gaafatama waajjiricha aadde Zeenit Mahaammad akka TOItti himanitti balaan Ibiddichaa dheengadda halkan kan mudatee.

Bala ibiddaa kana to'achuufi akkasuma gara biraatti babal'achuu balaa caaluu akka hin geesifneef qaamoleen adda addaa qindoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Ka'umsi balichaa qoratamaa kan jiru yoo ta'u haga ammaatti namni tokko shakkamee to'annaa jala ooleera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015