Baatiwwan 11’n darban Buna Alatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.2 argamuu ibsame

57

Finfinnee, Waxabajjii 7/2014 (TOI) – Baatiwwan 11’n darban Buna Alatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.2 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksiise.

Abbaan Taayitichaa abbootii qabeenyaa, dhiyeessitoota, ergitootaa fi qooda fudhattoota misooma damee Bunaa irratti bobba’an waliin magaalaa Hawaasaatti mari’achaa jira jedhame.

Baatiwwan 11’n darban Buna Alatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.2 argamuu itti aanaan daayreektara olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii obbo Shaafii Umar ibsaniiru.

Bu’aa argame itti fufsiisuu fi rakkoolee riifoormicharratti mul’atan furuuf waltajjiin kun qophaa’uu eeraniiru.

Waltajjirratti Abbootiin qabeenyaa, ergitoonni, dhiyeessitoonnii fi qooda fudhattoonni naannoo Oromiyaa, Sidaamaa, Kibbaa fi naannolee biroo hirmaachuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015