Naannoo Tigiraay waliin walqabatee fayidaa biyyaaleessaa karaa eegeen marii nageenyaa taasisuuf mootummaan koree hundeessee hojjecha jira.

57

Waxabajjii 7/2014(TOI) - Naannoo Tigiraay waliin walqabatee Mootummaan hojiiwwan marii nageenyaaf oolaan karaa fayidaa biyyaaleessa kabachiiseen raawwachuuf koree hundeessee hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himan.

Doktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa irraa dhihaateef deebii laataniiru.

Hojii sadarkaa biyyaatti nageenya kabachiisuuf hojjetamaa jiru irratti ibsa kan laataan doktar Abiy Ahimad fedhii fi hawwiin mootummaa Itoophiyaafi mootummaa Itoophiyaa sagaleen rasaasaa tokkoolee akka hin dhaga'amnedha.

Fayidaa uummata jiddugala godhachuun rakkoowwn jiran waaraan furuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo Tigiraayitti fayidaa biyyaaleessaa karaa eegisiseen nageenyaa waaraa fiduuf hojii hojjetamuuf mootummaan koree itti aanaa ministira Muummeefi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniin durfamu hundeessee hojjechaa jira.

Amahaaraan osoo hin beekiin mariin geggeeffama jira jechi jedhu sirri miti kan jedhan doktar Abiy Ahimad ABUT diinaa Itoophiyaati. Kan wal waraaneenis uummata Itoophiyaati.Naajeeriyaatti, Somaaliyaatti, Soriyaatti wal argan jedhamee kan odeeffamuu sobadha jedhaniiru.

Waraana hin dhoksine.Nageenyaa waaraa fiduufis dhoksuun nu hin barbaachisu. Koreen hundaa'ee yeroo hojii isaa xumure uummataaf ifa ni goona jedhaniiru.

Nageenyii waaraan Tigiraayitti yoo dhufe fayyadamaan uummata Tigiraayidha kan jedhan doktar Abiy nageenyaa buusuuf hunduu hojjechuu qaba jedhaniiru.Mootummaanis gama isaan nageenya buusuuf ni hojjeta jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015