Naannoo Somaaleetti barana rooba gannaatiin lafa hektaara kuma 800fi kuma 47 misoomsuuf hojjetama jira jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Somaaleetti barana rooba gannaatiin lafa hektaara kuma 800fi kuma 47 misoomsuuf hojjetama jira jedhame.

Waxabajjii 06/2014(TOI) - Naannoo Somaaleetti ganna kana lafa heektara kuma 800fi kuma 47 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 20 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu, Biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Biiroon Qonnaa naannichaatti, Daarekitarri Eegumsaafi Itti fayyadama qabeenya uumamaa obbo Baadaal Kiinediin oomishaafi oomishitummaa guddisuun hongee dandamachuuf hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisuun Miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Ibsa kennan kanaanis balaa hongee irra deddeebiin mudachaa jiru hir’isuufi midhaan nyaataan of danda’uuf barana rooba gannaatiin lafa hektaara kuma 800fi kuma 47 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 20fi kuma 800fi kuma 53fi 874 argachuuf hojjetamaa jiraachuu himan.
Oomishaafi oomishitummaa guddisuuf hojii hojjetamuun cinaattis, lafa hektaara kuma 4 fi 350 irratti nyaata beelladaa misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himan.
Oomishaafi oomishituummaa beelladarraa argamuus hara 50 dabaluun mala ammayyaan beellada diqaalomsuu,Talaallifi oomishaa marga irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuus himaniiru.
Beellada miiliyoona 21 talaali kennuun dhukkuboota beellada biyyoota oollaarra dhufuu danda'an ittisuuf kan hojjetamu ta'uus himaniiru.