Hojiin ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu bara kanaa eegale

211

Waxabajji 03/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara kana tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa Bu'uura Boruu kuma jaha ijaarsisuuf karooraan qabame milkeessuuf hojiin ijaarsaa eegale.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota barnootaan dagaagee rakkoo biyyaa hiikuu danda'uufi dorgomaa ta'u omishuuf karoora qabateen bara 2013 keessa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa 100, Manneen Barnotaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa torbaafi tajaajila lammummaatiin Manneen Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma sadii ol ijaarsisuun hojiin baruufi barsiisuu kan ittti gaggeeffamaa jiru yoo ta'u, bara kanammoo dachaan dabaluun manneen barnootaa Bu'uura Boruu kuma jaha tajaajila lammummaan ijaarsisuu eegaleera.

Hojjettoonniifi Hoggansi Biiroo Barnootaa Oromiyaatis miindaasaanii baatii tokkoo kennuun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booraa Ganda Maallimaa Barii Mana Barumsaa Kenterii Sadarkaa 1ffaa keessatti Mana Barnotaa Bu'ura Boruu ijaarsisuuf murteessuun ijaarsa eegalchiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015