Aadde Adaanach Abeebee, qa’ee manneen jireenyaa Garjii daawwatan.

51

Waxabajjii 03/2014(TOI) - Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, qa’ee manneen jireenyaa Garjii ji'oota 8 keessatti ijaaramanii xumuraman kan dilbata dhufu eebbifamu daawwatan.

Magaalichatti pirojektiin guddaa akkanaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee xumuramuun, miidhaginaa fi guddina magaalichaaf faayidaa olaanaa qaba jedhan Aadde Adaanach.

Rakkoo manneen jireenyaa magaalicha keessatti mul’atu haala ammayyaawaa ta’een furuuf Abbootii qabeenyaa sosho’aa jiran bulchiinsi magaalichaa kan jajjabeessu ta’uus himaniiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015