'Ethio telecomfi Ejansiin Immigireeshinii fi Tajaajila Lammilee tajaajila kanfaltii Paaspoortiif taasifamuu karaa Telee birri kanfaluuf haala dandeessisurratti waliigaltee mallatteessan.

150

Waxabajjii 2/2014(TOI) - 'Ethio telecomfi Ejansiin Immigireeshinii fi Tajaajila Lammilee tajaajila kanfaltii Paaspoortiif taasifamuu karaa Telee birri kanfaluuf haala dandeessisurratti waliigaltee mallatteessan.

Waligalticha Hoji Gaggeessituu Olaantuu ‘Ethio-Telecom’ Aadde Fireehiyoot Taammiruu fi daarektarra Ejensii Imigireeshiniifi Tajaajila Lammilee obbo Biruuhtasfaa Mulugeetaa mallatteesse.Sirni waliigaltee mallateessuu kunis Hootela Iskaay Laayititti geggeeffame.

‘Ethio-Telecom’ fedhii maamiltoota isaa guutuuf tajaajila kennaa jiru ammayyeessuuf, teeknooloojiiwwan haarawaa yeroon barbaadu hojiirra oolchaa akka jiru Hoji gaggeessituu Olaantuun ‘Ethio- Telecom’ Aadde Fireehiyoot Taammiruu ibsaniiru.

Walgahiinsi tajaajila teelee dhibbantaa 97 irra gahuu isaa kan ibsan Aadde Fireehiyoot, maamiltoota miliyoona 64 ol tajaajilamaa godheeraas jedhan. Tajaajilli haaraa telee birriin kennamu Ejansii Immigration Tajaajila Lammilee maamiltoonni isaa haala salphaatiin iddoo jiran irraa kanfaltiiwwan tajaajila paaspoortii waliin walqabate akka kanfalataniif kan isaan gargaaru akka ta'e ibsaniiru.

‘Ethio Telecom’ tajaajiloota faayinaansii haaraa yeroo gabaabaa keessatti kan ifoomsu ta'aas jedhaniiru.

Daarikteerri Olaanaa Ejansii Imigireeshinii fi Tajaajila Lammilee obbo Biruhtasfaa Mulugeetaa gamasaaniitiin, tajaajiloota Ejensichi kennaa jiru irratti hudhaalee ta'aan keessaa tokko tajaajila kanfaltii ta'uu eeruun, tajaajilli kanfaltii teelee birriitiin raawwatamu rakkicha haalaan kan hiiku ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015