Saganataa ashaaraa magariisaa baranaan biqiltuuwwan nyaataf olan miiliyoona 500 ol ni dhaabamu.

126

Waxabajjii 1/2014 (TOI) – Saganataa ashaaraa magariisaa baranaan biqiltuuwwan firiin isaanii nyaataf olan miiliyoona 500 ol kan dhaabaman ta’uu Koreen Teekinikaa Sagantaa Ashaara Magariisaa Biyyaalessaa beeksise.

Sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa baranaa, baatii kana walakkeessarraa akka eegalu himameera.

Qindeessaan Koree Teekinikaa Korechaa Dooktar Adifiras Warquu akka eeranitti, sagantichaan biqiltuu dhaabuu qofa utuu hintaane lafti manaca’e akka dandamatu taasisa.

Yeroo ammaa biyyattiitti buufataaleen biqiltuu kuma dhibba 1 fi kuma 20 ga’uu ibsanii damee kanaanis carraa hojii bal’aan akka uumamu himaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa kanaan biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu miiliyoona 500 qophaa’uu himaniiru.

Biqiltuuwwan kunneenis avookaadoo, paappayyaa, maangoo, appilii fa’aa ta’uu eeranii, waggoottan itti aanan keessa wabii midhaan nyaataan of danda’uu dabalataan faayidaa dinagdee akka guddisan eeraniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin, biqiltuuwwan biiliyoona 6.3 ol dhaabuuf qophiin xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015