Jilli hoggantoota Olaanoo Dhaabbata Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, hojiilee deeggarsa namoomaa Naannoo Somaalee Godina Shabaleetti hojjetamaa jiran daawwachuuf Godee galan. - ENA Afaan Oromoo
Jilli hoggantoota Olaanoo Dhaabbata Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, hojiilee deeggarsa namoomaa Naannoo Somaalee Godina Shabaleetti hojjetamaa jiran daawwachuuf Godee galan.
Waxabajjii 1/2014(TOI)- Jilli hoggantoota Olaanoo Dhaabbata Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, hojiilee deeggarsa namoomaa Naannoo Somaalee Godina Shabaleetti hojjetamaa jiran daawwachuuf Godee galan.
Hoggantoonni Hojii Olaanoo Dhaabbata deeggartootaa biyyoota Kanaadaa, Beljiyeemiifi Siwizarlaandi irraa walitt babba’aniifi Itoopphiyaatti Hoggantoonni Hojii Qindeessaa deeggarsa namoomaa (UN-OCHA), hojiilee deeggarsa namoomaa Naannoo Somaalee Godina Shabaleetti hojjetamaa jiran daawwachuuf Magaalaa Godee galaniiru.
Jila kanas Gorsaan Dhimmoota Namoomaa Pireezidaantii Naannichaafi Gaggeesitoonni Godina Shabalee buufata Xiyaaraatti argamuun simataniiru.
Kaayyoon daawwannaa kanaas fandii deeggarsa namoomaa Itoophiyaaf taasifamaa jiruu fi pirojektoota godinicha keessatti hojjetamaa jiran, akkasumas godinichatti deeggarsa namoomaa lammiilee sababa hongeen miidhamaniif taasifamaa jiru qorachuufi hordoffii taasisuuf akka ta’e himameera.