Wixineen nageenya nyaataa eegsisuuf dandeesisu qophaa'e.

131

Waxabajjii 1/2014(TOI) - Abbaan Taayitaa nyaataafi qoricha Itoophiyaa wixinee nageenya nyaataa eegsisuuf dandeesisu qopheessuu beeksise.

Addunyaarratti waggaatti namoonni miiliyoona 600 sababa faalama nyaataan ni dhukkubsatu.
Sababa kanaan kanneen kuma 400 ta'an immoo akka du'an ragaan jiru ni muli'isa.

Rakkoo hedduu sababa faalama nyaataan dhufu kana hordofuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa xiyyeeffannoon akka laatamuufif jecha waggaatti Caamsaa 30 irraa jalqabee bifa duulaan akka yaadatamu taasiseera.

Bara kana mata duree "Nyaata nageenyummaan isaa eegame fayyaaf " jedhuun akka addunyaatti yeroo 4ffaaf akka Itoophiyaatti immoo yeroo 3ffaa guyyaan nageenyummaa nyaata eeguu kabajamaa jira.

Daarektarri Abbaa taayitaa nyaataafi qoricha Itoophiyaa Heeraan Garbaa TOItti akks himanitti nageenyi nyaataa haalaan eegamuu dhabuurran kan madde lammileen hedduun rakkoof saaxilama jiru.

Nageenyii nyaataa eegamuu dhabuun rakkoo hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee hedduu
kan hammeessuu ta'uu kan himan aadde Heeraan Nyaanni Oomisha irraa haga fayyadamtootaatti hidhata jiru to'achuun barbaachisadha jedhaniiru.

Kana gochuufis qaamolee dhimmi ilaallatufi dhaabbilee misoomaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Hojii kana keessattis wixinee nageenya nyaata eegsisuuf gargaaran qopheessaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015