Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajataa bara 2015 irratti mari’achaa jira

140

Caamsaa 30/2014 (TOI) – Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa bara baajataa 2015’f wixinee baajataa mootummaa federaalaa Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86.61 akka ta’uuf irratti mari’achaa jira.

Manni marichaa walga’ii 1ffaa bara hojii 11ffaa marsaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Maricharratti Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen argamuun wixinee baajatichaarratti ibsa bal’aa kennaa jiru.

Wixineen baajata bara 2015 karoora misoomaa waggoota 10’n galmoota kaa’aman raawwachiisuu, nageenya biyya keessaa mirkaneessuu, lammiilee buqqa’an tumsuu fi bu’uuraalee misoomaa manca’anii fi tajaajilaa isaanii deebisuuf, ce’umsaa hawaasummaa fi dinagdee milkeessuu giddugaleeffachuun, akkasumas bara giddugaleessaa bara 2015-2019 keessatti qabiyyee fiiskaalaa diinagdee gooroo bu’uureffachuun kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan, bara baajataa 2015 baasii idileef, birrii biiliyoona dhibba 3 fi biliyoona 47.12, baasii kaapptaalaaf birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 18.11 akka ta’uu, deeggarsa mootummoota naannoleef birrii biiliyyoona dhibba 2 fi biliyoona 9.38, raawwii galmoota misooma waaraaf birrii biiliyoonni 12 kan qabame yoo ta’u, waliigalaan wixineen baajataa bara baajataa 2015 birrii Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86.61 akka ta’uu dhiyaateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015