Ibsa hoggantuun Pirees Seekiretariyaatii Waajjira Ministeera Muummee aadde Billanee Siyyuum kennan keessa,

85

Hoggantuun Pirees Seekiretariyaatii Waajjira Ministeera Muummee aadde Billanee Siyyuum, gaazeseessotootaaf haala yeroorratti ibsa kennaniin, kutaa kaaba biyyattiitti baatilee Adoolessaa 2013 irraa eegalee hanga Caamsaa 26 bara 2014’tti deeggarsa namoomaa Naannoo Tigiraayiif ergamee ilaalchisuun yaadota ijoo isaan kaasaan keessaa,

  • Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Ikowaataraal Giinii, Naajeeriyaa fi Keeniyaatti daawwannaa hojii mulkaa'a ta'e taasisaniiru.
  • Doktar Abi Ahimad turtii Naajeeriyaa turaniin Pirezidaantii biyyaatti Maahamaduu Buhaarii waliin dhimmoota waloofi haala yeroo irratti mari'ataniiru.
  • Biyyoonni lameen haala gara fuula duratti dameelee adda addaarratti qindoominaan caalaatti hojjechuuf xiyyeeffannoon irratti mari'ataniiru.
  • Kabaa biyyatti walitti bu'insa umameen lammilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsa namoomaa barbaachisaa dhiheessuun jabaate itti fufa.
  • Naannoo Tigiraayiif Adooleessa bara darbeerra eegalee haga ammaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu maallaqni biiliyoona 2.1 fi deeggarsi nyaataa meetiririik toonii kuma 87 ergameera.
  • Boba’aan liitira kuma 700fi kuma 83 ol ergameera.
  • Deeggarsi nyaataafi meeshaalee akkasumas galteewwan qubannaa kiiloogiraama kuma 100fi kuma 30 kan madaalu dhaqqabuus himaniiru.
  • ABUT irra deebiin lolaaf qophaa'aa jira. Uummatas dirqamaan waraanaatti dabalaa jira jedhaniiru.
  • Gama biraan haga ammaatti naannoo Affaaritti sababa waraanaan lammilee qe'ee isaanirra buqqa'anif deeggarsi miidhaan nyaataa meetirikitoonii kuma 19 taasifameera.
  • Naannoo Amahaaraatti immoo lammilee deeggarsa namooma barbaadaniif deeggarsi midhaan nyaataa meetirikitoonii kuma 244 taasifameera.0People reached0EngagementsBoost postLikeCommentShare
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015