Meeshaaleen kontiroobaandii gatiin isaanii birrii miiliyoona 110 ta'u to'ataman.

91

Caamsaa 30/2014(TOI) - Torban darbe Meeshaaleen kontiroobaandii ala ergiifi alaa galchii gatiin isaanii birrii miiliyoona 110 fi kuma 66 ta'u to'ataman.

Hordoffii Komishiiniin Gumurukaa taasiseen meeshaleen kontiroobaandii to'ataman keessaas osoo alaa gara biyyaatti galfamanii kanneen to'ataman birrii miiliyoona 87.9 kan baasaan yoo ta'uu osoo gara alaatti baafamanii kan qabaman immoo kan birrii miiliyoona 22.1 baasa waajjira damee gumuruukaa adda addaatti to'atamuu himaniiru.

Meeshaaleen to'anna jala oolan kunnenis Kafa adda addaa,Boba'aa, Beelladoota,Elektiroonikisii, Buna, Qorichootaa adda addaa, Konkolaatota,meeshaalee miidhaginaaf oolan, Meeshalee waraanaa, Jimaa,qorichaa sammuu hadoochan, Zayita nyaataafi maallaqa biyyoota adda addaa ta'uun himameera.

Meeshaaleen to'ataman kun qindoomina hojjetoota komishiinii Gumurukaa,Poolisii Federaalaafi naannooleefi hawaasaan to'atamuun himameera.Kanneen meeshaalee Kontirobaandii kana daddabarsaa turan keessaas 7 to'atamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015