Magaalaa Kamiseetti hiriirri duula olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabame deeggaruufi garee shororkeessaa Shanee balaaleffatu geggeeffame.

70

Caamsaa 30/2014(TOI) - Naannoo Amahaaraa godina saba Oromoo magaalaa Kamiseetti hiriirri duula olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabame deeggaruufi garee shororkeessaa Shanee balaaleffatu geggeeffame.

Hiriira kana irratti jiraattoonni Magaalaa Kamiseefi aanalee ollaa hirmaataniiru.

Hiriira kana irratti dhaadanoowwan Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabame ni deeggarra,Yakkaamaaf dahoo hin taanu, Mootummaa cinaa ni dhaabbanna,Gareen shororkeessaa Shanee diina keenyaa seenaati, Shaneef obsa hin qabnu, Seerri haa kabajamu,Itoophiyaan Ittii fufti, tokkummaafi nageenya keenya waliin ni eegganna kanneen jedhan dhageesifamaniiru.

Bulchiinsa Godina saba Oromootti itti gafatamaan qajeelcha waajjira Kominikeeshinii Obbo Jamaal Hasan TOItti akka himanitti, ummanni fedhii isaan bahee hirira kanarratti hirmaachuun duula olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabamee kan deeggareefi garee shororkeessaa shanee kan balaaleffatera.

Uummanni kanaan dura olaantummaan seeraa akka kabajamuuf mootummaa gaafachaa turu kan himan obbo Jamaal hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan hojjechaa jiruunis uummanni nagaa argatee bilisaan socho'uu eegaleera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015