Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Lidataatti ijaarsa manneen daldalaa fi jireenyaa haaraa eegalchiisan

68

Caamsaa 30/2014(TOI) - Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Kutaa Magaalaa Lidataatti ijaarsa manneen daldalaa 28 fi manneen jireenyaa 8 eegalchiisan.

Manneen daldalaafi jireenyaa ijaaraman kunneen dargaggootaa fi kutaalee Hawaasaa harka qalleeyyii ta’an fayyadamoo taasisa jedhameera.

Ijaarsi manneen kanneenii ji'a tokko keessatti kan xumuramu yoo ta'u baasii ijaarsa isaaf ooluus kan raawwatu Meedirook Investimenit Giruup akka ta'e himameera.

Sirna kanaratti argamuun haasaa kan taasisan aadde Adaanech Abebee Hojii misoomaa hojjennu cimnee itti fufna. Kana keessaatti immoo hirmaanna dureenyoota barbaachisadha jedhaniiru.

Waltaanee yoo waliin hojjnne biyyatti rakkoo keessaa baasuu waan nu dhorku homtuu hin jiru jedhaniiru.

Ijaarsi manneen daldalaafi jireenyaa kun birri miiliyoona 10 kan hojjetamu yoo ta'u, yeroo xumuramus lammilee harka qalleeyyiif ni kennama jedhameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015