Giifti Dureen Zinnaash Taayyaachaw magaalichatti haaromsa manaa miseensota hawaasaa dhibee juuzamiif saaxilaman fayyadamoo taasisu eegalchiisan

128

Caamsaa 29/2014 (TOI) – Giifti Dureen Zinnaash Taayyaachaw magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfeetti haaromsa manaa miseensota hawaasaa dhibee juuzamiif saaxilaman fayyadamoo taasisu guyyaa har’aa eegalchiisaniiru.

Waajjirri Giifti Duree manneen abbootii warraa ja’a ganni osoo hin seeniin dura kan haaromsu ta’uu ibsameera.

Hojiin manneen haaromsuu kun hawaasa dhukkubaa juuzamiif saaxilamoo, hawaasaan dagataman fayyadamtoota kan taasisu ta’uun eerameera.

Hojiin haaromsa manneenii fayyadamtoota biroo dabalataan hammachuun cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Waajjiraa Giifti Dureerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015