Ruwaandaan walta’iinsa damee fayyaa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf Itoophiyaatti Ministirri Fayyaa Ruwaandaa daawwanna taasisan.

90

Caamsaa 29/2014(TOI) - Ruwaandaan walta’iinsa damee fayyaa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf Itoophiyaatti Ministirri Fayyaa Ruwaandaa daawwanna taasisan.

Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaafi Ministirri Fayyaa Ruwaandaa Dr. Daani’el Neemijee Hospitaalaa Qidduus Phaawuloositti Kolleejjii Miiliniyeemii daawwataniiru.

Daawwanna isaanii kanaanis tajaajila kenninsa yaalaafi sagantaalee barnoota fayyaa ilaalaniiru.

Ministirri Fayyaa Ruwaandaa Dr. Daani’el Neemijeen, muxannoo waljijjirraafi daawwannaan taasisan mana hojii minsiteerota lameen gidduu waliitti dhufeenya jiru cimsuuf kan karoorfameedha jedhan.

Ministeeronni lameen fuula dura damee fayyaa irratti walta’iinsa qaban cimsuuf dhimmota dandeessisan irartti mari’ataniiru. Fuula Feesbuukii Dr. Liyaa Taaddasaa oddeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015