Itoophiyaatti Afaanota 53'n sirni baruufi barsiisuu hojiirra ooluu, Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise.

83

Caamsaa 29/2014(TOI) -Itoophiyaatti Afaanota 53'n sirni baruufi barsiisuu hojiirra ooluu, Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise.

Yaa’iin Hiikaafi Turjumaanaa Afaanii Biyyaaleessaa 2ffaan Yuunivarsiitii Adaamaatti eegalamera.

Yaa’iin kun hiikaafi turjumaana afaanii tokkuummaa Biyyaaleessaafi Waliigaltee Biyyaaleessaaf faayidaa qabuufi galtee yaadota imaammata afaanii mootummaaf oolu walitti qabuuf kan qophaa'edha jedhameera.

Yeroo ammaa afaanota Itiyoophiyaa keessa jiran 80 ol keessaa afaanota 53’f qubeen bocamuun tajaajila barnootaaf ooluufi fuula dura lakkoofsa afaanota dabaluuf yaadamuu Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Aadde Warqinash Birruu himaniiru.

Ministeerri Aadaafi Ispoortii Ministeera Barnootaafi Yuunivarsiitiwwan 8 waliin ta’uun waggaa 1 darbee keessatti dhimmicha irratti qorannoo qorachuu himameera.

Akkataa qorannichattis ogummaa hiikaafi turjumaanaa afaanota gabbisuuniifi damicharratti human nama baratee horachuuf sirni barnootaa ka’umsa ta’uu danda’u qophaa'uu, Aadde Warqinash himaniiru. Pireezidantii Itti Aanaan Dhimma Akkadaamii Yuunivarsiitii Adaamaa Dr. Tashoomaa Abdoo yuunivarsiitichi afaanota Itoophiyaa faayidaa hawaasummaa, dinagdeefi dippiloomaasiif oolchuuf hojiin hojjecha jiru qorannoo fi qo'annoon deeggaraa jirra jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015