Yunivarsiitiin Madda Walaabuu Kompiitaroota 800 Manneen Barnootaaf Kenne

65

Ebla 9/2011 Yunivarsiitiin Madda Walaabuu dhaabbata tola oolaa `Kamara Ejukeshin Ethiopia` jedhamurraa kan argate kompiitaroota 800 godinaalee Baalee fi Arsiitti manneen barnootaa qophaa’inaa fi sadarkaa 2ffaa argaman 40f deeggarsa taasise.

Deeggarsi kun barattoonni teknooloojii waliin akka wal baran gochuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uusaa manneen barnootaa deeggarsicha argatan ibsaniiru.

Yunivarsitichatti itti aanaan akkaadaamikii pirezidaantii doktar Abbubakar Kadir sagantaa kennichaarratti akka ibsanitti, dhaabbatichi kompiitaroota argate godinaalee lamaanitti manneen barnootaa hir’ina qaban 40f tajaajilarra akka ooluuf hirameera.

Rakkoo hawaasa Yunivarsiitichaa hiikuuf yaalii taasisu biratti dhaabbilee gargaarsaa biroo waliin ta’uun qorannoon adda baasuun gargaaruuf hojjetaa akka jiru dubbataniiru.

Manneen barnootaa deeggarsichi godhameef kunniin yaalii qaama kanaa ta’uusaa kan ibsan doktar Abbubakar, gargaarsi argame kun tilmaama birrii miiliyoona 12 ol akka ta’e eeraniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godina Baalee obbo Goosaayee Gizaaw Yunivarsiitichii fi dhaabbatichi deeggarsa godhaniif galateeffatanii, gargaarsi kun keessumaa hojii baruu fi barsiisuu teknooloojiin deeggaruun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ni gargaara jedhaniiru.

 Gama Yunivarsiitichaan kompiitaroonni manneen barnootaaf hiraman adeemsa baruu fi barsiisuu akkuma kitaabolee waabii akka tajaajilan odeeffannoowwan kan itti fe’ame ta’uusaa kan beeksisan immoo bakka bu’aan dhaabbata Kamara Ejukeshin Ethiopia kan ta’an obbo Miikiyaas Tasfaayee dha.

Dhaabbanni isaanii waggoota darbaniif manneen barnootaa kuma 2 caalaniif deeggarsa wal fakkaataa gochuu isaa yaadatanii, gara fuulduraattis Yunivarsiiticha waliin gargaarsa eegalan cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.

Godina Arsii lixaatti manneen barnootaa deeggarsa kana argatan keessaa mana barumsaa qophaa’inaa Qoreetti daayirektara olaanaa kan ta’an obbo Jamaal Kadiroo ``deeggarsi nuu kenname barattoota keenya teknooloojii waliin akka wal baranii fi qulqullina barnootaas mirkarkaneessuuf gargaara`` jedhan.

``Kompiitaroonni kun barnootaaf deeggarsa kan godhan waan irratti fe’amaniif mana barumsichaaf baasii kitaabolee bituuf baasaa ture hambisaaf`` kan jedhan immoo godina Baaleetti mana barumsaa Gobbaa sadarkaa 2ffaatti daayiktara kan ta’an aadde Ganzabee Kadir dha.

Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojii baruu fi barsiisuu irratti dabalataan qorannowwanii fi pirojektota hawaasummaa 100 ta’an adeemsisaa akka jiru odeeffannoon Yunivarsiiticharraa argame eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015