Gaalariin Albuuda Itoophiyaa eebbifame. - ENA Afaan Oromoo
Gaalariin Albuuda Itoophiyaa eebbifame.
Caamsaa 27/2014 (TOI) – Gaalariin Albuuda Itoophiyaa Ministeerri Albuudaa ijaarsisee eebbifame.
Sagantaa kanarratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.
Ministirri Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Hojiin keenya yaadaa fi mul’ata keenya fakkaatu” jedhaniiru.
Dabalataanis, “Yaadni damee albuuda Itoophiyaaf qabnu, riifoormii dhaabbatummaarraa eegalee hojiidhaan ifa ba’aa jira” jedhaniiru.
Hojiileen riifoormii hojjetaman, damee albuuda Itoophiyaa gulantaa maluuf irraan ga’uuf akka ta’e Injiinaar Taakkalaan ibsaniiru.
Miseensonni Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa turtii waajjira ministeerichatti taasisaaniin hojiilee kanneen akka mirkaneeffatan amantaa qaban himaniiru.