Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Saboota Sablammootaafi Uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawu Hospitaalaafi Hootelaa Birrii miiliyoona 400fi miliyoona 50 ijaarame eebbisan.

83

Caaamsaa 27/2014(TOI) - Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Saboota Sablammootaafi Uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawu Hospitaalaafi Hootelaa Birrii miiliyoona 400fi miliyoona 50 ijaarame eebbisan.

Pireezidaanti Ristuu Yirdaawu Godina Guraagee Magaalaa Buttaajiraatti Hospitaalaa Alaamifi Hootelaafi Riizortii Matiteewos Birrii miiliyoona 450’n ijaarame eebbisuun hojii eegalchiisan
Abbaan qabeenyaa Dr. Tsaggayee Zawudee ijaarsi Hospitaala Sadarkaa jalqabaa Alaamiifi Hootelaafi Riizortii Matiteewos Birrii miiliyoona 450 kan hojjetame ta’uu himanIiru.

Hospitaalichi lammiilee miiliyoona 2.5’f tajaajila ni kenna jedhame kan eegamu ta’uu ragaan Kominikeshinii Naannoo Kibaarraa argame ni agarsiisa.

Sirna eebba kanarratti Bakka Bu’aa Ministeera Fayyaa Dr. Abbaas Hassan, Itti Gaafatamaa Biiroo Fayyaa Naannoo Kibbaa obbo Indashaawu Shibbiruufi hoggansi waamichi taasifameef biroo argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015