"Qonna ammayyeessuuf sagantaawwan 17 filamanii hojiirra oolfamaa jiru"

249

Caamsaa 26/2014(TOI) - Qonna ammayyeessuuf sagantaawwan(Inisheetiv) 17 filamanii hojiirra oolfamaa jiraachuu Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa,Itti aantuu Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa aadde Loomii Badhoo, akkasuma koree dhaabbi mana marichaa ministira Itti wamamaa mootummaa mana marichaa obbo Tasfaayee Beeljigee durfamuu hojii ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf qophii taasifama jiruuf buufata biltoota adda addaa daawwataniiru.

Daawwanna kanaan duras oomisha ala ergiif yaademee hojjetamaa kan jiru buufata biqiltuu Avokaadoo daawwataniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa daawwannaa godina shawaa bahaa aanaa Lumeefi naannawwaa Mojootti taafisame kanarratti akka himanitti guddina biyyittiif murteessaa kan ta'e damee hojii qonnaa ammayyeessuun waan yeroon gaafatudha jedhaniiru.

Akka jirutti itti fufsiisuun kan danda'amu hiyyummaa qofa kan jedhan obbo Shimallis Qonna naannichaa bu'uura irraa ammayyeessuuf qorannoowwan adda addaa taasifamaniiru.

Kanaafis sagantaawwan 17 filamanii hojiirra oolfamaa jiru jedhaniiru.

Kana keessaas yeroo ammaa biqiltuu Buna biliyoona 1.3 kilaasteraan misoomsuuf qophiirra kan jiramu ta'uu himaniiru.

Sagantaa kanaan waggoota sadan darban biqiltuun bunaa biiliyoona 2.9 dhaabuun kan danda'amee yoo ta'u haaluma walfakkatuun oomisha shaayee irraatti godinaalee lixa Oromiyaatti hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015