Itoophiyaan dachee naga qabeessa uumuu keessatti gahee haqa qabeessa ni baati.

76

Caamsaa 25/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Itoophiyaan dachee naga qabeessa uumuu keessatti gahee haqa qabeessa ni baati jedhan.

Qoraamata jijjirama qilleensaa lafarratti dabalaa dhufeef of qopheessuu qabnas jedhaniiru.

Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii moggaasa maqaa "Istokhoom +50" jedhuun eegumsa naannoo ilaalchisuun yaa'iin Iswiidiin Istokhoomitti qopheesse jalqabameera.

Konfirensichi konfirensii labsii misooma eeggumsa naannoo labse jalqabaa ta'uu doktar Abiy Ahimad eeraniiru.

Biyyoonni hariiroon qabeenya umamamaa waliin qabaatan haala naannoo hin miinee fi waliigaltee eeggumsa naannoo idil addunyaa eegeen ta'uu akka qabu hubachiisaniiru.

Itoophiyaan eeggumsa naannoorratti hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hundi keenya ummata addunyaa tokkoo ta'uu keenyaan miidhaan damee kanaa dhufu kallattiinis ta'ee al kallattiin hunda keenya ni tuqa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015