Mootummaan rakkoolee Oomishaafi raabsa simintoo furuuf hojjetaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

204

Finfinnee, Caamsaa 24/2014 (TOI) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee Oomishaafi raabsa simintoo keessa turan furuuf hojjetaa jiraachuu Ittaanaan Aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Sirni waliigaltee oomishaa fi raabsa simintoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa,Waarshaalee fi Baankii Siinqee gidduutti bakka Ministirri Ministeera Albuudaafi Inarjii Injineer Taakkalaa Uumaa, Preezdaantiin I/A Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Pirezidaantii Baankii Siinqeefi Hojii gaggeessitoonni Waarshaalee 10 argamanitti raawwachuu ragaan waajjiraa Preezidaantii naannichaarra argame ni mul’isa.

Warshaaleen simintoo sa'aatii 24:00 hojjechuun oomishaafi oomishtummaasaanii dabaluu akka qaban Obbo Awwaluu Abdiifi Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsa waloo kennaniin eeraniiru.

Oomishasaaniis karaa waldaalee seeraan gurmaa'anii qofa fayyadamtootaaf gatii madaalawaan bal'inaan dhiyeessuun qaala'iinsa gatii simintoorratti mul'atu tasgabbeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Rakkoo nageenyaa naannawa warshaaleefi dhiyyeessii galteewwan oomisha simintoo mirkaneessuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjechuun sirraa'aa jiraachuus ibsameera.

Humnootaafi ejentoota cancala gabaa dheeressanii gatii hinmalle dabaluufi oomisha miliqsuun qaala'iinsa gatii hammeessan adeemsicha keessaa baasuun akka barbaachisu eeraniiru.

Haalli geejibaasaas karaa Ejensiin Geejibaa Oromiyaa mijeessuun kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru.

Naannolee biroonis muuxxannoo Oromiyaa kana fudhachuun rakkoo oomishaafi raabsa simintoorratti mul'atu furuuf hojjechuu akka qaban himameera.

Sababa nageenyatiin oomishaaf oomishtummaan akka gadi hin buune hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Qaamolee rakkoo uuman irratti tarkaanfiin keessa deebii hin qabne fudhatamaa jiraachuu addeessaniiru.

FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015