Dippiloomaasii Dijjitaalaa karaa qindoominaa fi dhaabbataa ta’een hogganuun faayidaa Itoophiyaa itti fufiinsaan eegsisuun barbaachisaadha

94

Caamsaa 24/2014(TOI) - Dippiloomaasii Dijjitaalaa karaa qindoominaa qabuu fi dhaabbataa ta’een hogganuun faayidaa Itoophiyaa itti fufiinsaan eegsisuun akka barbaachisu dargaggoo ‘Aktiivistii Suleemaan Abadallaa hime.

Sawud Arabiyaa kan jiraatu Aktiivistiin kun tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin karaa marsariitii turtii taasiseen waraana Itoophiyaa Kaabaa ilaalchisee Itoophiyaa irratti dhiibbaa dippiloomaasii olaanaa taasisaa turuu yaadachiiseera.

Dhaabbileen miidiyaalee Idil-addunyaa fi namoonni dhuunfaa kan biroon Miidiyaa Dijjitaalaa dabalatee odeeffannoo sobaa tamsaasuun Itoophiyaa irratti dhiibbaa olaanaa taasisaa turuusaanii beeksiseera.

Kanumaan Itoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itoophiyaa biyyoota garagaraa jiraatan dhugaa Itoophiyaan qabdu beeksisuuf carraaqqii olaanaa taasisaa turuus himeera.

Dippiloomaasii Dijjitaalaa karaa qindoominaa fi dhaabbii ta’een hogganuun faayidaa Itoophiyaa itti fufiinsaan eegsisuun akka barbaachisus hubachiiseera.

Keessumaa Ijiptii fi biyyoonni kan biroo yaalii kanatti bal’inaan akka fayyadaman kaaseera.

Kanaafuu gara fuulduraatti gufuulee muudachuu danda’an hubachuun dippiloomaasii Dijjitaalaa karaa qindoominaa fi dhaabbii ta’een hogganuun akka barbaachisus hubachiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015