Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa haaluma ji’a Caamsaan akka itti fufu murtaa’e.

326

Caamsaa 23/2014(TOI) - Gatiin gurgurtaa qinxaaboo kan xiyyaaraatiin alatti, haaluma gatii ji’a Caamsaatiin kan itti fufu ta’uu, Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksiseera.

Yeroo ammaa gatiin gurgurtaa oomishaalee boba’aa, Beenzilaa, Naafxaa fi Gaazii adii gabaa Addunyarratti dabalus, Mootummaan haala qabatamaa biyyattii hubachuun sochiin hawaas-dinagdee tasgabbiin akka itti fufuuf, gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa haaluma ji’a Caamsaan akka itti fufu murtaa’uu himeera.

Gatii gurgurtaa qinxaaboo oomishaalee boba’aa kanas ji’a Waxabajjii 1 irraa eegalee hanga waxabajjii 30 bara 2014tti qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi hojiirra oolchuu akka qaban Ministeerichi hubachiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015