Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu xalayaa muudama isaanii itti aanaa Pireezidaantii Biraaziil Antooniyoo Hamiltaan Maartinisif dhiheessaan.

91

Caamsaa 23/2014(TOI) - Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu xalayaa muudama isaanii itti aanaa Pireezidaantii Biraaziil Antooniyoo Hamiltaan Maartinisif caamsaa 20/2014 sirna galma mootummaa Pilaneetootti qophaa'erra dhiheesuufisanii ragaan minsteera dhimma alaarra argame ni mu'isa.

Itti aanaa pireezidantii Biraazilis biyyi isaanii walitti dhufeenya waloo Itoophiyaa waliin qaban cimsuun kan barbaadan ta'uu himuun, ambaasaaddara Itoophiyaafis deeggarsa barbaachisu hundaa kan taasisaniif ta'uu himaniiru.

Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Mootummaan Itoophiyaa fudha ilaalchisuun ibsa bal'aa laataniifiru.

Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii kan waggoota hedduu tureefi seena qabeessa ta'ee cimsuun akka barbaachisuus himaniiru.

Marii biyyaaleessa geggeessuuf komishiiniin hundaa'ufi bakkeewwan walitti bu'insi turetti hojii deebisanii dhaabuun hojjetamaa jirachuus itti aanaa Pireezidanitii Biraaziliif ibsa bal'aa taasusaanii himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015