Hojiin Pirojeektii bishaan lafa jalaa baasuu Laga daadhii birrii biiliyoona 4.2 hojjetamu dhuma bara bajataa kana ni xumurama jedhame.

Caamsaa 23/2014(TOI) - Hojiin ijaarsa Pirojeektii bishaan lafa jalaa baasuu kutaa lammaffaa Laga daadhii birrii biiliyoona 4.2 hojjetamu dhuma bara bajataa kana kan xumuramu ta'uu ragaan waajjira kantiibaa magaalaa Finfinneerra argame ni muli'isa.

Pirojeektiin bishaan lafa jalaa baasuu kun kan hojjetamaa kan jiru dhaabbata Chaayinaa CGCOC jedhamuufi dhaabbata biyyaa keessa Aser konistiraakshin jedhamuun hojjetama jira.

Pirojektiin kun yeroo xumuramuu jiraatoota kuma 860 fayyadamoo kan taasisu yoo ta'u guyyaatti bishaan meetirik kuubii kuma 86 maddisiisuu danda'as jedhameera.

Pirojeektiin kun boolla gad fagoo 16 kan tokkoon tokkoon isaanii bishaan meetirik kuubii 2000 hanga 5000 qabachuu danda'an, ijaarsaa Gaanii kuusaa bishaanii 10, sarara bishaanii ijoo 12, sarara harkisa bishaanii kilomeetira 72, dirirsa sarara tamsaasa bishaanii kilomeetira 99, jiddugalawwaan dhiibbaa bishaanii olaanaa kennaan 2 fi daandii kilomeetira 38 of keessa kan qabu ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015