Lammiilee sababa walitti bu'insaafi balaa umamaan miidhamaniif waldhaansa xiinsamuu kennuuf ogeeyyiin leenji'aa jiru.

106

Caamsaa 22/20149TOI) - Magaalaa Dabrabiraanitti ogeeyyii lammilee Sababa walitti bu'insaafi balaa umamaan miidhaan irra gaheef waldhaansa xiinsamuufi deeggarsa hawaasummaa laataniif leenjiin kennamaa jira.

Leenjii kanarratti ogeeyyiin damee hawaasumma, fayyaa,barnootafi kanneen biroon 300 ta'an ni hirmaatu jedhameera.

Leenjiin kun gara fuula duraatti Kombolchaa, Waldayaafi Saqotaattis kan kennamu yoo ta'u walii galaan ogeeyyoonni 1200 leenjii kanarratti ni hirmaatu jedhameera.

Deetaan ministira dhimma dubartootafi hawaasumma Ayyaleech Isheetee biyyatitti rakkoo walitti bu'insaafi bala umamaan mudataniin namoonni hudduun rakkoo hedduuf saaxilamaniiru.

Rakkoowwan kun immo dinagdee biyyatti irratti qofaa osoo hin taane uummata irrattis rakkoo fayyaa, xiinsammuufi hawaasumma salphaa hin jedhamne uumera.

Rakkoo kana furruf ministeerichi kanneen dhimmi ilaallatu waliin qindaa'uun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Lammilee sababa kanaan rakkoon irra ga'eef gargaarsa xiinsamuufi hawaasumma ogeeyyii taasisan leenjisuun guyyaa har'aa jalqabuumus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015