Naannoo Amahaaratti bara oomishaa kana oomisha kumtaalaa miiliyoona 143 argachuuf karoorfameera.

48

Caamsaa 22/2014(TOI) - Naannoo Amahaaratti bara oomishaa kana oomisha kumtaalaa miiliyoona 143 argachuuf karoorfamuu biiroon Qonnaa naannichaa beeksiseera.

Naannichatti oomisha bara 2014/2015 tiif qophii duraafi hojii gara fuula duraatti hojjetamu ilaalchisuun magaalaa Bahaar Daaritti mariyatamaa jira.

Pireezidantiin naannoo Amahaaraa doktar Yiliqaal Kaffaaloo bara oomishaa dhufaa jiru kanatti hoggansiifi qonnaan bulaan qindaa'anii hojjechuun oomisha kan kanaan duraa caalaa fooyyee qabu akka argamu hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa oomishaafi oomishituummaa qonnaan bultoota dabaluuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uus himaniiru.

Hogganaan Biiroo qonnaa naannoo Amahaaraa doktar Hayilemaaram Kaffaaloo gama isaaniin naannichatti bara oomishaa kana oomisha kumtaalaa miiliyoona 143 argachuuf karoorfamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015