Doktar Abiy Ahimad Hospitaala Rifeeraalaa Minilikitti giddugala dhiqaa kalee eebbisan

75

Finfinnee, Caamsaa 22/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Hospitaalaa Rifeeraalaa Minilikitti giddugala dhiqaa kalee eebbisan.

Sirna eebba jiddugalichaarratti kan argama Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee magaalaa Finfinnee jiddugala turizimii fayyaa gochuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Magaalichatti dhaabbilee tajaajila fayyaa karaa ammayyaafi ogeeyyii gahuumsaa qabaniin, gatii madaalawwaan tajaajila yaala fayyaa kennaan ijaaruun xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Jiddugalii tajaajila kalee dhiquu kan Hospitaala Rifeeraalaa Minilikitti hojii jalqabe kun kanaan dura tajaajila kana kan hospitaalaa mootummaa hundaatti kennamuu harka shaniin kan guddisuu ta'uu ragaan waajjira Kanatiibaa magaalaa Finfinneerra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015