Godina Jimmaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltoota miiliyoona 128 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.

106

Caamsaa 21/2014(TOI) - Godina Jimmaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltoota adda addaa miiliyoona 128 dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu waajjirrii qonnaafi qabeenya umamaa godinicha beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Eliyaas Indiriis TOI tti akka himanitti aanaalee godinichaa hundatti bakki biqiltoonni dhaabaman qophaa'aa jira.

Haga ammaatti boolli biqiltoonni keessa dhaabaman miiliyoonni 35 qophaa'uu himuun, hojiin kun itti fufee jiraachuu himaniiru.

Kununsa qabeenya umamaafi haala jijjirama qilleensaa ittisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf sagantaa ashaaraa magariisaa kanaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Sagantaa kanaan ganna kana bakki biqiltoonni irra dhaabbaman lafti heektarri 70 qophaa'uus eeraniiru. Sagantaa kanarratti hawaasni bal'aan kan hirmaatu ta'uus himaniiru.

Biqiltoota kanaan dura dhaabamanis hawaasniifi ogeeyyiin kununsaa jiru jedhaniiru.

Jiraatoonni godinichaas sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan bilqiltoota ganna kana dhaabuuf duulaan boolla biqiltuu qopheessaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan mukkeen adda addaa qofa osoo hin taanee muduraalee adda addaas mooraa isaanii keessa dhaabuuf qophaa'uu himaniiru.

Bilqiltoota bara darbe dhaabanis kununsaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015