"Konkolaachistoonni konkolaatoota gurguddoo gara Itiyoo-Jibuutii konkolaachisan rakkoo isaan mudatu furuuf mootummaa waliin hojjechaa jiru"

123

Caamsaa 21/2014(TOI) - Konkolaachistoonni konkolaatoota gurguddaa daandii Itiyoo-Jibuutii irra konkolaachisan rakkoo naannoo Affaaritti isaan muudatu furuuf mootummaa naannoofi federaalaa waliin qindoominaan hojjechaa jiru jedhame.

Biiroon Misooma Daandiifi Geejjibaa Naannoo Affaar, konkolaachistoota konkolaatoota gurguddoo Itiyoo-Jibuutii imaalan rakkoon nageenyaafi bulchiinsa gaarii isaan muudachaa jiraachuu mirkaneessuu beekiseera.

Rakkoo kana furuuf qaamoolee naannoofi federaalaa dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannan hojjetamaa jira jedhame.

Nageenyiifi tasgabbii konkolaachistoota mirkaneessuun nageenya biyyaa wajjiin kallattinis ta’ee alkallattin sababa walqabatuuf mootummaan naannicha itti gaafatamummaa isaa gahumsaan kan bahatuu ta’uu mirkaneessera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015