Afaan Ispaanish, Afaan hojii dabalataa Gamtaa Afrikaa taasisuuf carraaqqiin taasifamaa jira.

108

Caamsaa 20/2014(TOI) -Afaan Ispaanish, Afaan hojii dabalataa Gamtaa Afrikaa taasisuun ardicha caalmaan sadarkaa idil Addunyaatti walitti hidhuuf carraaqqiin godhamaa jiraachuu himame.

Guyyaan aadaa fi Afaan Ispeen, bakka komiishinniin Dinagdee Afrikaa argamanitti Magaalaa Finfinneetti sirnoota gara garaatiin kabajamaa jira.

Bakka bu’aan Barreessaa Komiishinii Dinagdee Afrikaa Oliiveer Piinigaanyaa sirnicharratti akka jedhanitti, Afaan Ispaanish Afaan hojii dabalataa Gamtaa Afrikaa gochuun ardicha caalaatti sadarkaa idil Addunyaatti walitti hidhuuf carraaqqiin godhamaa jira.

Itoophiyaatti, Ambaasaaddarri Ispeen Maanu’eel Saalizaar gama isaaniitiin, afaaan ispaanish ummattoota Addunyaa walii galchuu keessatti gahee guddaa akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015