Abbootiin qabeenyaa Turkii Naannoo Affaaritti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti akka hirmaataniif waamichi dhiyaate

57

Caamsaa 18/2014 (TOI) – Abbootiin qabeenyaa Turkii Naannoo Affaaritti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti akka hirmaataniif Pireezdaantiin naannichaa Obbo Awwal Aarbaan waamicha dhiyaassan.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapiiraak Alpii hoggantoota olaanoo Naannoo Affaar waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Marichaan, Obbo Awwal Aarbaan Itoophiyaa fi Turkiin biyyoota hariiroo michummaa waggoota dheeraa qaban ta’uu ibsuun, Turkii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii fi ajandaalee misoomaa garaagaraarratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Ambaasaaddaroonni Turkii yeroo garaagaraatti Naannoo Affaaritti daawwannaa taasisuu eeruun, kanaan dura lammiilee naannichatti hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisuun michummaa biyyoota lameenii qabatamaan mirkaneessuu himaniiru.

Daawwannaan Ambaasaaddarri biyyattii guyyaa har’aa naannichaatti taasisan michummaa kana kan itti fufsiisu ta’uu dubbataniiru.Abbootiin qabeenyaa Turki naannichatti Iyoodayizeeshinii ashaboorratti hirmaachaa jiraachuu eeruun, damee Riil Isteetii fi Indaastirii Keemikaalaarratti bobba’uuf bakka kan fudhatan jiraachuu addeessaniiru.

Naannichi damee albuudaa fi qonnaan dandeettii guddaa qabaachuu ibsuun, abbootii qabeenyaa Turkii damicharratti hirmaataniif mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu eeraniiru.Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapiiraak Alpii gamasaaniin, michummaa bbiyyoota lameenii daran cimsuuf itti gaafatamummaa isaanii kan ba’atan ta’uu dubbataniiru.

Turkiin Itoophiyaatti karoorawwan misoomaa deeggaruurra darbitee dameewwan garaagaraan deeggarsa leenjii yeroo gabaabaa kennaa jiraachuu himaniiru.

Damee invastimantiinis abbootiin qabenyaa Turkii deeggartoota invastimantii ijoo ta’uu ibsuun, yerii itti aanutti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti hirmaannaan isaanii cimee akka itti fufuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ambaasaaddarittiin turtii isaaniitiin hoggantoota olaanoo Yuunvarsiitii Samaraa waliin mari'achuun bakkeewwan garaagaraa daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015