Itoophiyaan bara bajataa kana baatii 10 keessatti hojjetoota galanaarra leenjisuun dooniiwwan biyyoota alaa irraatti qacaarsiisuun galii doolaara miiliyoona 6 ol argateetti.

76

Caamsaa 18/2014(TOI) - Itoophiyaan bara bajataa 2014 baatii 10 darbanitti hojjetoota galanaarra leenjisuun dooniiwwan biyyoota alaa irraatti qacaarsiisuun galii doolaara miiliyoona 6 ol argachuu ishee Ministirri Geejibaafi Loojistikisii aadde Daagimaawit Mogos himani.

Tajaajila Sivili aveeshii irraas galii doolaara miiliyoona lamatti kan dhihaatu argachuu beeksisaniiru.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misooma Magaalaa fi Geejibaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, gabaasa raawwii karooraa baatii 10, Ministeera Geejibaa fi Lojistiksiirratti mari’achaa jira.

Yaa'ii kanarratti Ministirri Geejibaafi Loojistikiisii aadde Daagimaawit Mogos gabaasa raawwii hojii baatii 10 kan ministeerichaa dhiheesaniiru.

Itoophiyaan bara bajataa kana baatii 10 keessatti hojjetoota galanaarra leenjisuun dooniiwwan biyyoota alaa irraatti qacaarsiisuun galii doolaara miiliyoona 6 .75 argachuu gabaasa isaaniin eeraniiru.

Itoophiyaan hojjetoota galanaarra leenjisuun biyya alaatti qacarsiisuuf haala dandeesisuu mijeesuuf seeraa qopheessuu ishees hubachiisaniiru.

Baatii kurnan darbetti tajaajila Sivil aveshiiniin galii doolaara miiliyoona 2.3 walitti qabuuf karoorfamee galii doolaara miiliyoona 1.9 walitti qabuun akka danda'ame himaniiru.

Ministeerri Geejibaafi Loojistikiisii ''Imammaata Biluu Ikonoomiin'' waggaa 10 keessatti hojjetoota galaanarra kuma 100 horachuun sharafa alaa doolaara biiliyoona 1 irraa argachuuf koroorfamuu ragaan ministeericharra argame ni muli'isa.

Imaammata kanaan sadarkaa idil addunyaatti hojjetoota galanaarra gahumsaafi dorgomoo ta'an horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015