Itiyoophiyaan Walii Galtee Teekinooloojii Nuukilaaraa Faayidaarra Oolchuuf Ishee Dandeessisu Ruusiyaa Waliin Mallatteessite

109

Ebla 8/2011 Atoom-Eksipoo 11ffaa Ruusiyaatti adeemsifame irratti ministirri Innoveeshinii fi teekinooloojii Dr. Geetaahuun Makuriyaa fi daarektar jeneraaliin korporeeshinii Atoomiik Inarjii isteetii Ruusiyaa Aleeksii Leekaacheev walii galtee teekinooloojii nuukilaaraa hojiirra oolchuuf dandeessisu mallatteessaniiru.


Hojiirra oolmaan  walii galtichaa teekinooloojii nuukileerii faayidaa qonnaa, damee yaalaa ammayyeessuuf, galtee damee oomishtummaaf fi kan fakkaataniif oolchuuf kan dandeessisudha.

Keessumaa damee yaalaa addunyaarratti guddachaa dhufe Itiyoophiyaatti ammayyeessuu fi yaala baqaqsanii hodhuu si'ataa taasisuuf teekinooloojii nuukileerii faayidaarra oolchuuf akka hojjetamu Dr. Geetaahuun Makuriyaa dubbataniiru.

Industiriiwwan gurguddoo ijaaruuf Itiyoophiyaan madda anniisaa bokkaarratti hundaa'e jalaa ba'uu qabdi kan jedhan ministirichi, gara anniisaa walmakaatti fuulleffachuu qabna jedhaniiru.

Madda: Ministeera Innoveeshinii fi Teekinooloojii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015