Gareen Shororkeessaa ABUT lammiilee dirqamaan loltummaaf filachuu fi midhaan gargaarsaa lammiileef ergame kaayyoo badiitiif oolchuunsaa kan gaafachiisu

85

Camsaa 17/2014(TOI) – Gareen Shororkeessaa ABUT lammiilee dirqamaan loltummaaf filachuu fi midhaan gargaarsaa lammiileef ergame kaayyoo badiitiif oolchuunsaa kan gaafachiisu ta’uu Teessoo isaa Ameerikaa kan godhate Koreen Dhimma Paabbilik Ameerikaa-Itiyoophiyaan jedhamu hubachiise.

Dura Taa’aan korichaa Obbo Masfiin Taganuu, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti, Bakka bu’aa addaa daa’immaniifi walitti bu’iinsa hidhannoo kan ta’an Verjiiniyaa Gaambaatiif xalayaa barreessaniin gareen shororkeessaa ABUT lammiilee dirqamaan meeshaa hidhachiisaa jiraachuu Rooyitarsiifi Daarektarri Dhimmoota Idil Addunyaa Baalsiiilii Pirofeesar Aan Fiitiiz Geeraalid qorannoo gaggeessaniin mirkaneessaniiru jedhan.

Maatiin keessan loltummaaf yoo isiin hin kennine ni hidhamu jedhanii sodaachiisuun garichi lammiilee nagaa dirqamaan ofiitti makaa jiraachuu ragaa suuraan deeggarameen mirkanaa’uu himaniiru.

Waan ta’eefis hawaasni idil Addunyaa gocha gareen kun lammiilee nagaa irratti raawwachaa jiru hubachuun garee shororkeessaa kana gaafatama gochuuf carraaqqii eegalame tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015